Fana: At a Speed of Life!

Fichisiistonni Turki Ityoophiyaaf sibiila dhiyeessuufi

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Fichisiistonni sibiilaa Turki, meeshaalee sibiilaa fi sibiilaan walqabatan Ityoophiyaaf akka dhiyeessan waliigalteerraa ga’amuu Dhaabbannii Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiiksii Ityoophiyaa beeksise.

Dhiheessiin sibiilaa kunneen buufataalee doonii Turkii Aliigaas, Izmiiriifi Iskindiriyaa irraa fichisiistotaa fi bakka bu’aa isaanii Arkaas waliin sibiilotaa dhiheessuuf waliigalameera.

Hojii raawwachiisaan Dhaabbata Tajaajila Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiiksii Ityoophiyaa Obbo Roobaa Magarsaa, fichisiistotaaf tajaajila si’ataafi gatii salphaan karaa buufata Jibuutii geejjibsiisuuf qophaa’aniiru jedhan.

Ityoophiyaan oomisha sibiilaa gahaa dhiheessuu hanga dandeessutti fichisiistota Turkiif haala mijaataa ni uumna jedhaniiru.

Tajaajila fe’iisa sibiilaa kennaa turuu yaadachiisanii sababa waraana Ruusiyaa-Yuukireeniin tajaajilichi laafee akka ture himaniiru.

Galma Itiyoophiyaan qabatte milkeessuuf gatii madaalawaafi humna guutuun tajaajila geejjibsiisuu kennuuf ga’umsa dandeessisurra jirra jedhaniiru.

Ityoophiyaan dooniiwwan fe’isaa ishee buufata Turkiitti erguudhaan qaqqabiinsa tajaajilichaa guddisuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.