Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli Shanan Afrikaa baname

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC)- Feestivaalli Shanan Afrikaa Finfinneetti banameera.

Feestivaalicha Ministirri Ministeera Tuuriizimii fi Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Qajeelaan Mardaasaan bananiiru.

FeestivaalaYaadannoo Injifannoo Adwaatti qophaa’e kanarratti qondaaltonni olaanoo mootummaa, taphattoonni urjii duraanii Naayijeeriyaa Nuwaankoo Kaanuu fi Daani’eel Amookaachii akkasumas Lammii Seneegaal Neenirii Kaamaaraan dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Dabalataan feestivaalicharratti ogeeyyii aartii Keeniyaa, rogeeyyii miidiyaa hawaasaa, dizaayinaroonni, moodelistoonni, ogeeyyii teeknooloojii, abbootii qabeenyaa, dippilomaatonni akkasumas namoonni dhuunfaa dameewwan ogummaa garaagaraarratti boba’an hirmaataniiru.

Feestivaalicharratti akaakuuwwan oomishaalee Bunaa Itiyoophiyaa akka dhiyaatu, dorgommii faashinaa fi moodeliingii akkasumaas sagantaaleen garaagaraa akka gaggeeffaman eegama.

Torbeen Feestivaalaa Shanan Afrikaa har’aarraa eegalee guyyoota sadii kan turu ta’uun eeramuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.