Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli Manneen Barnoota Ifa Boruu, Bultii Adda fi manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Feestivaalli Manneen Barnoota Ifa Boruu, Bultii Adda fi manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa marsaa 2ffaan Naannoo Oromiyaa Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Feestivaalichaan Dorgommiin barnootaa, Ispoortii ,Aadaa fi kanneen biroo gaggeeffamaa tureera.

Barattoota ,gareewwanii fi Manneen Barnoota dorgommicha injifataniif badhaasnifi beekkamtiin kennameera.

Feestivaalicharratti barattoonni manneen barnoota garaagaraarraa walitti babba’an kumni 2 ol hirmaachuun ibsameera.

Qiddisti Zawuduutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.