Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli gugsii Fardaa Marsaa 3ffaan Sandaafaatti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Feestivaalli gugsii Fardaa Marsaa 3ffaan Magaalaa Sandaafaatti gaggeeffamaa jira.

Sirnicharratti qondaaltonni mootummaa, Abbootiin Gadaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Feestivaalichi walta’iinsa Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa, Magaalaa Shaggarii fi Godina Shawaa Kaabaan kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Feestivaala kanarratti Fardeen kumni 4 ol hirmaachuu ibsameera.

Nyaatni Aadaa fi meeshaaleen aadaa dorgomicharratti agarsiisaaf dhiyaachuu eerameera.

Raahmaa Ahimaditu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.