Fana: At a Speed of Life!

Feestivaalli Faashinii, Tuuriizimii fi Ispoortii Shanan Afrikaa xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e Feestivaalli Faashinii, Tuuriizimii fi Ispoortii Shanan Afrikaa guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Ministirri Miinisteeraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee ministiroonnii fi hoggantoonni biroon saganticharratti hirmaataniiru.

Feestivaalichi oomishaalee biyya keessaa beeksisuu bira darbee maqaa gaarii biyyaa ijaaruurratti waljijjiirraan muuxannoo gaggeeffamuun eerameera.

Dabalataan taphattoota bebbeekamoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa gidduutti taphni michummaa akkasumaa agarsiisnii faashinii fi sgantaaleen walfakkaataan biroon gaggeeffamuun ibsameera.

Feestivaalli Faashinii, Tuuriizimii fi Ispoortii Shanan Afrikaa taphattoota bebbeekamoo duraanii Afrikaa, taatotaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa kan hirmaatan ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Hirmaattota sagantichaafis badhaasni Meedaaliyaa fi Waancan kennamuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.