Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin, Googilii fi twutariin odeeffannoo sobaa vaayrasii koroonaan walqabatu fuula isaanii irraa akka haqan beeksisan

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) -Feesbuukiin, Googilii fi twutariin odeeffannoo sobaa vaayrasii koroonaan walqabatu fuula isaanii irraa akka haqan beeksisan.

Weerarri koroonaa vaayrasii naannoo addunyaatti tamsaa’aa jiruun walqabatee fuula irratti odeeffannoowwan sobaa babaaldhachaa dhufuu himameera.

Kanarratti hundaa’uun feesbuukiin odeeffannoowwaan sobaa fi yaadoota of eeggannoo hin qabne akka haquu beeksiseera.

Tarkaanfichi tamsa’inni vaayrasi koroonaa biyyoota addunyatti babaldhachuun waliin odeeffannowwan sobaa tamsa’an dhabamsiisuuf akka ta’e himameera.

Dabalataan twutarii fi googiliin fayyadamtoonni dhimmicha irratti maddoota dhugaa akka argataaniif hojii deeggersa kan taasisaan ta’uu himaniiru.

Maddi:-CCN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.