Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin Itiyoophiyaa karra galaanaa argachuu qofa-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa sadarkaa guddina diinagdee galmeessaa jirtuun karra galaanaa argachuu qofa barbaaddi jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Damee dippilomaasii Itiyoophiyaa ilaalchisuun ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, wareegama kaffaluun nageenya Somaaliyaaf akka hojjechaa turte, ammas kan hawwituuf nageenya jedhan.

Biyyattiin sadarkaa guddina diinagdee galmeessaa jirtuun karra galaanaa argachuu qofa akka barbaddu ibsanii, kunis qaama kamuu utuu hinmiine fayyadamummaa waloo bu’uureffachuun mari’achuun,dhugoomsuun akka danda’amu dubbataniiru.

Gama biraatiin Itiyoophiyaan humnoonni Sudaan rakkoolee isaanii karaa nagaan akka furaniif gidduu seentummaa tokko malee hojjechaa jiraachuu dubbatanii, kanas cimsitee kan itti fuftu ta’uu akeeaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.