Fana: At a Speed of Life!

Fedhii xaa’oo waaraan furuu fi gabbina biyyoo eeguuf xiyyeeffannoon hojjetamu qaba-Ministeera Qonna

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC)- Fedhii xaa’oo waaraan furuu fi gabbina biyyoo eeguuf xiyyeeffannoon hojjetamu qaba jechuun Ministeera Qonna beeksiseera.

Ministeerri Qonnaa dhimmoota gabbina biyyoo eeguu fi oomisha barbaadamu oomishuuf dandeessisan irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeessaa jira.

Marichaanis, dhiyeessi xaa’oo namtolcheen yeroo ammaa jiruun walqabatee rakkoo jiru furuu fi gabbina biyyoo karaa uumamaatiin eeguuf xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabu ibsameera.

Keessaayyu muuxannoon xaa’oo uumamaa (Kompoostii) qopheessuu guddisuuf dhimmoota dandeessisaan irratti mariin xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Marichaarratti Ministir deetaan qabeenya uumama Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas haasaa taasisaniin, Ityoophiyaan bu’uuraalee nyaataa ofiin uwwiisuuf jallisii bonee fi oomisha arfasaa guddisuun xiyyeeffannoo adda laattee hojjechaa jiraachuushee ibsaniiru.

Jamiilaa Jamaalii fi Yismaaw Adaraatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.