Fedhii, mirgaa fi faayidaa ummata kabachiisuun, walitti dhufeenya hawaasa naannolee ollaa cimsuurratti hojjetameera -obbo Shimallis Abdiisaan
Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Fedhii, mirgaa fi faayidaa ummata kabachiisuun, olaantummaa seeraa mirkaaneessuu fi walitti dhufeenya hawaasa naannolee ollaa cimsuurratti hojjetameera jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis kana kan jedhan gabaasa raawwii hojii qaama raawwachiistuu ji’oottan 6 darbanii bara 2012 yammuu dhiyessanitti.
Itti aanaan preezdaantichaa mootummaan naannoo Oromiyaa fedhii, mirgaa fi faayidaa ummata naannichaa kabachiisuun hojii nagaa, tasgabbii fi olaantummaa seeraa mirkaaneessuu, walitti dhufeenya hawaasa naannolee ollaa waliin qabu cimsuun gara badhaadhinatti ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa turameera jedhan.
Misooma qonnaan walqabatee, humna misoomuu naannichi qabuun; bunaaf bifa addaatin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 47 ol ramaduun godinaalee dhangaggummaa biyyootiin miidhaman 10 fi aanaalee 75 keessatti misooma bunaa, shayii fi avokaadoo irratti hojii bal’aan hojjetamuusaa ibsan.
Omisha alergii midhaan dheedhii fi zaayitaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa kan ture ta’uu ibsan.
Makaanaayzeeshinii qonnaatif liqiin Birrii biiliyoonni 4.5 kan mijate yommuu ta’u, tiraaktaroota 350 biyya galchuun, dargaggoota IMX’n gurmaa’an 142f liqiin kennameera.
Biqiltuun biiliyoona 1.9 (%87.9) lafa hek. miiliyoona 1.1 irra Ganna darbe dhaabbate keessaa biqiltuun biiliyoonni 1.6 lafa heektaara kuma 932.9 irratti kunuunfamaa jiraachuu ibsan.
Misooma beeyladaatin walqabatee, mala loon diqaalomsuu kuma 267.2f kennuuf karoorfamee, loon kuma 149.9 (%56)f kan kenname yommuu ta’u, jabbileen sanyii fooyya’oo kuma 39.8(%32.5) dhalatanii kunuunfamaa kan jiran ta’uu ibsan.
Misooma daandiin walqabatee, rakkoo hawaas-dinagdee hawaasa naannichaa furuuf SWGDBtiin daandiin kiilo meetirri 203.7(%22.2) cirracha kan uffate wayita ta’u, daandiin kiilo meetirri 218.6 hojiin ijaarsa isaa xumuuramee taajaajila hawaasaatiif ooluu isaa ibsaniiru. Daandii kiilo meetirri 3,144 ta’u suphuun danda’ameera.
Sirna ragaa qabiinsa bulchiinsa lafaa ammayya’aa ta’e diriirsuun, weerara lafaa hambisuun mirgoota lafaan walqabatan amanamaa fi wabii qabeessa taasisuuf, hojii kaadaastara lafaa ji’oottan jahan darban baadiyyaa fi magaalaatti hojjetamaa tureen, baadiyyaatti maasii qonnaan bulaa lafa paarsilii 585.4 (%71) safaramee kan jiruufi waraqaan ragaa sadarkaa 2ffaa kuma 988.3 (78) kennamuusaa ibsan.
Hojimaata badaa lafa magaalaa waliin bu’uurarraa hiikuuf magaalota 13 keessatti kaadaastara seeraa hojiirra oolchuun, seektara lafaa keessatti seeraan alummaa mul’atu maqsuuf ijaarsa seeraan alaa akka waliigalaatti adda bahe kuma 209.2 keessaa kuma 68.6 (%32.8) irratti tarkaanfiin kan fudhatame wayita ta’u, lafti heektaarri kuma 43.1 ta’u qubannaa seeraan alaan qabamee jiru adda bahee kan jiru ta’uu ibsan.
Weerarri lafa magaalaa fi baadiyyaatti bal’inaan gaggeeffamaa jiru misooma ariifataafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti gufuu ta’ee waan jiruuf hojii xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduufi tumsa qaamolee hundaa kan gaafatu ta’uu eeraniiru.
Guddina hawaas-diinagdee itti fufiinsaafi bu’uura bal’aa qabu galmeessisuun jiruufi jireenya ummataa fooyyessuuf invastimantiin gahee olaanaa waan qabuuf, rakkoo mana jireenyaa magaalota keessatti mudatu furuuf qorannoo rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa gaggeessuun tarsiimoon misooma manneenii qophaa’ee kan jiru ta’uu, lafti magaalaa tajaajila barbaadameef qofa akka oolu taasisuuf magaalonni pilaaniin akka hoogganaman taasisuudhaaf ji’oottan jahan darban keessatti hojiin bal’aan hojjetamaa kan ture ta’uu gabaasa dhiyeessan keessatti ibsaniiru.
Bishaan dhugaatii qulqulluun walqabtee, dhuma bara 2011tti %66.1 irra ture, bara 2012tti %74tti ol guddisuun ummata miiliyoona 2.6 ta’u dabalataan fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf hojjetamaa jira jedhan obbo Shimallis gabaasa isaanitiin.
Ji’oottan jahan darban, hojii barbaaddotaaf carraa hojii dhaabbii kuma 365.5(%83)fi carraa hojii yeroo kuma 174.7(%159), waliigalaan lammiilee kuma 540.3f carraa hojii uumuun karoora qabameerraa %98 milkeessuun danda’ameera jedhan.
Paakeejii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa milkeessuuf, bara kana qajeelfama riifoormii jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’u qopheessuun, hojiitti kan seename yommuu ta’u, hanqina dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa kutaa 1-4 fooyyessuuf barsiisota dandeettii fooyyee qaban ramaduu fi tooftaawwan adda addaa fayyadamuun rakkoo kana hiikuuf hojii hojjetamaa jiruun bu’aan gaariin galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajila fayyaa qulqullinaa fi walgitiinsa qabu uummataan gahuuf imaammata fayyaa ittisa dhukkubaafi dagaagina fayyaa xiyyeeffachuun yeroo ammaa dhaabbilee fayyaa mootummaa, dhuunfaafi kan biroo 15,036 keessatti tajaajilli yaala fayyaa kennamaa jiraachuu isaa ibsan.
Duudhaa, aadaa fi eenyummaa Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti dagaagsuu fi indusitirii aadaa fi aartii magaalicha keessatti dagaagsuuf piroojeektonni sadii (mana barnoota aartii Oromoo, mana leenjii nyaataa aadaa Oromoofi mana meeshaaleen aadaa Oromoo keessatti oomishaman) Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 38 oliin Finfinnee keessatti ijaaramaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.
Kenniinsa tajaajila haqaa saffisaa, si’aawaa, qulqulluufi haqa qabeessa kennuun walqabatee, hojimaata badaafi gocha malaammaltummaa ittisuuf ilaalcha hawaasaa jijjiiruuf, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun itti quufiinasa lammiilee dabaluun walqabatee hojiin bal’aan ji’oottan jahan darban keessatti hojjetamaa kan ture ta’uu gabaasa dhiyeessan keessatti eeraniiru.
Sassaabbii galiin walqabatee, ji’oottan jahan darban keessatti Birrii biiliyoona 11.53 sassaabuuf karoorfame keessaa Birrii biiliyoona 11.89 (%104) walitti qabuun danda’amuu obbo Shimallis Abdiisaan ibsuu isaanii Caffeen Oromiyaa beeksiseera
Itti fayyadama baajataan walqabatees, Birrii biiliyoona 70.16 Caffeen hojiiwwan bara 2012f raggaase keessaa ji’oottan jahan darban keessatti Birrii biiliyoona 34.83 hojiirra oolchuuf karoorfame keessaa Birrii biiliyoona 25.84 (%74.2) hojiirra kan oole ta’uu ibsaniiru.
Walumaagalatti, raawwiin hojiiwwan ji’oottan jahan darbanii wayita xiinxalamu, karooraa fi raawwiin jiru sektaraa sektaratti garaagarummaa kan qabuu fi hojiin karoorfame duguugamee raawwatamuu baatus dhimmoonni tarsiimaa’aa ta’an lafa qabachuu eegaluun abdii kan namatti horu ta’uu ibsuun, barri kun, bara karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii 2ffaan itti xumuuramu ta’uu hubannoo keessa galchuun yeroo hafe keessatti cimanii kan hojjetan ta’uu beeksisaa Caffeenis deeggarsaa fi tumsa akka taasisuuf gaafataniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.