Fedhii dhiyyeessa oomishaalee beelladaa guutuuf hojjetamaa jira – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Fedhii dhiyyeessa oomishaalee beelladaa hawaasni qabu guutuuf sagantaan biyyaalessaa qophaa’uun hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Itiyoophiyaan guddina Diinagdee ishee mirkaneessuuf dhaabbilee ijoo adda baasuun hojjechaa jiraachuu Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.
Dooktar Girmaan jila Taanzaaniyaa waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan damee qonnaa, Albuudaa, Tuurizimii, Indaastirii fi ICT’f xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.
Qonna Baadiyaa dabalatan qonni Magaalaa jijjiirama olaanaa agarsiisaa jiraachuu himaniiru.
Keessattuu misooma Horsiisa Lukkuu, Aannan, Dammaa fi Qurxummiin bu’aa jajjabeessan argamuu eeruu ragaan ministeerichaarraa argame ni mu’isa.
#Oromia #Ethiopia