Fana: At a Speed of Life!

Fedhii biyya keenyaa guunnee gabaa alaatiif yeroon itti erguu jalqabnus fagoo miti-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)- Akkuma qamadii, Ruuzii alaa galchuu hambisuun fedhii biyya keessaa guutuun gabaa alaatiif yeroon erguun jalqabamu fagoo miti jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Omishaa fi omishtummaa guddisuun hiyyummaa mo’achuun gara imala badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu karaa milkiirra jira jedhan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Bara dhufu irraa jalqabees akkuma qamadii, Ruuzii alaa galchuun akka hafu eeranii, fedhii biyya keessaa guutuun gabaa alaatiif erguun yeroon jalqabamu fagoo akka hintaane akeekaniiru.

Oomishalee alaa galan hanga omisha biyya keessaan bakka buufamutti fi oomishaa gabaa alaaf dhiyeessuun galii argamuu qabu guutummaatti hanga argamutti kutannoon akka hojjetamu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.