Fana: At a Speed of Life!

Fedhii biyya diiguu diinaa fashaleessuun Ityoophiyaan misooma dhugoomsaa jirti-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Fedhii biyya diiguu fi jeequu diinota keenyaa qabsoo qindaa’aan fashaleessuun Ityoophiyaan karoora misoomaa abdii ta’an dhugoomsuuf hojjechaa jirti jechuun Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiildimaarshaal Birhaanuu Juulaa Barruu Raayyaa Ittisa Biyyaa “Gaachana” jedhamurratti bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, bara 2013 fi 2014 gama tokkoon qormaata hedduu fi balaawwan birmadummaa biyyaarratti fuulleffatan, gama biraatiin ammo ummataan, hoggantootaan, raayyaa ittisaa fi humnonni nageenyaa qabsoo qindaa’aa taasisaniin qormaatilee mudatan murannoo fi injifannoo galmeessuun kan darbameedha jedhaniiru.

Jala bultii bara 2015ttis Ityoophiyaan nagaa argattee ijaarsa biyyarratti xiyyeeffachuun ABUT murtee dhukaasaa dhaabuu mootummaan fudhate diduun waraanaa banuu yaadachiissan.

Ta’us injifannoo galmaa’een bu’aa argame simachuun imala guddinaa itti aanu akka hindhaabne dubbataniiru.

ABUT humnoota waraanaa kuma 250 qabatee Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa kuma 44 waliin loluushaan caccabuu Fiildi Maarshaal Birhaanuun dubbataniiru.

Nuti loltoota taanus filmaata nageenyaa dursina jedhanii, birmadummaa biyyaa balaarra buusuu fi humni ummataa hacuucuuf waraana bane yeroo gabaaba keessatti ga’umsaa wareegama muraasaan dhaabuu dandeessisurratti argamna jedhaniiru.

Diinonni keessaa fi alaa lolaa kallattiin, siyaasa shiraa ummattootaa walitti buusuu, dippilomaasii fi xiinsammuu Ityoophiyaarratti banuu eeranii, addoota garaagaraatti lola banan dhaabuuf raayyaan qabsoo olaanaa taasisuu ibsaniiru.

Ummanni, Raayyaa Ittisaaf humna namaan, meeshaalee garaagaraan, keessumaa haamileedhaan deeggarsa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Deeggarsi ummataa fi murannoo raayyaa qindeessuun hoggantoota hoggansa bilchaataa kennan, ajajoota waraanaa, humnoonni nageenyaa fi tikaa, weerara diinaa cabsuun injifannoo nu gonfachiisaniif galataatu malaaf jedhaniiru.

Shororkeessaan idil addunyaa Alshabaab, haleellaa cimaa humnoota nageenyaan sadarkaa Ityoophiyaa irraa deebiin hintuqnetti haleelamuu yaadachiisniiru.

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaan walqabatees, diinonni gara boqonnaa murteessaatti akka hinceeneef hamma humni isaanii danda’e gufachiisuuf yaaluu himaniiru.

Naannoo Amaaraa, Kibbaa, Beenishaanguul Gumuz fi Gaambeellaatti akkasumas Godinaalee Wallaggaa afuranitti, Shawaa Lixaa fi Gujii Lixaatti biyya jeequuf sochii taasisuu ibsan.

Alshabaab Ityoophiyaa Bahaan, Shanee fi ABUT waliin ta’uun gochaa badiisaaf ergamuu eeranii, shiroota hundaa humna waloo qaamolee nageenyaan fashaleessuu hubachiisaniiru.

Barri 2014 yeroo qormaataa injifannoon keessa darbuun bara 2015’tti kan ce’ameedha jedhan.

Fedhii biyya diiguu fi jeequu diinota keenyaa qabsoo qindaa’aan fashaleessuun Ityoophiyaan karoora misoomaa abdii ta’an dhugoomsuuf hojjechaa jirti jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuun.

Fuuldurattis raayyicha haala qophaa’ummaan isaa sadarkaa addaan hincinneetti kan guddisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Kallattii kamiinuu haleellaan diinaa aggaamamu kan fashaleeffamu ta’uu Fiildi Maarshaal Birhaanuun ibsanii, barri haaraan kan nagaa, guddinaa fi olka’iinsa Ityoophiyaa akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.