Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa hidhannoo Ispoortii Biraandii haaraa ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Dhaabbata oomisha hidhannoo Ispoortii Turkii waliin ta’uun Uffannaa Biraandii haaraa ifoomseera.

Dhaabbaticha waliin waliigalteen bittaa fi gurgurtaa yeroon hin daangofne taasiifamu Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan ibsaniiru.

Biraandii haaraan hidhannoo Ispoortii kun Abbaa Taayitaa Qabeenya Sammuun galmaa’uu dubbataniiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Biraandii haaraa kana uffatee tapha gulaallii Waancaa Addunyaa Giinii Bisaaw fi Jibuutii waliin qabu kan taphatu ta’ee eeraniiru.

Dabalataan federeeshinichi Kubbaa Paakistaanitti hojjetames beeksiseera.

Warqinaa Gaashahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.