Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin Daldalaa fi Indaastirii Chaayina Itiyoophiyaatti damee qonnaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Federeeshiniin Daldalaa fi Indaastirii Chaayina Itiyoophiyaatti damee hojii qonnaa fi Sibiilarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksise.

Komishinarri Komishinii Investimantii Leellisee Nameen jila Federeeshiniin Daldalaa fi Indaastirii Chaayina waliin mari’ataniiru.

Komishinar Leelliseen hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii fi hojiilee damee Invastimantiirratti hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.

Itiyoophiyaan bakka ka’umsaa fi ga’umsa gabaa Afrikaa ta’uu isheen Chaayinaan hariiroo biyyoota lamaaniif xiyyeeffannoo addaa kan kennitu ta’uu Itti Aanaa dura taa’aan federeeshinichaa Zuu Leejangi ibsuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.