Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi waliigaltee Wubatuu Abaatee dheeresse

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Waliigaltee Leenjisaa garee Biyyaalessaa Wubatuu Abaatee dheeresseera.

Federeeshinichi waggoota lamaan darbaniif garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa leenjisaa kan turan Leenjisaa Wubatee Abaateef waggoottan lamaan itti aananiif akka itti fufan waliigatee dheereseera.

Leenjisaa Wubatuu Abaateen gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa waggoota 8 booda Waancaa Afrikaatti akka deebi’u taasiisaniiru.

Akkasumas waggoota 6 booda dorgommii Shaampiyoonsippii(Chaan) Afrikaaf qaqqabsiisaniiru.

Waliigalteen duraa xumuramuu hordofee waggoota lamaan itti aananiif garicha akka leenjisan har’a waliigaltee isaanii dheeressuu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.