FBCn Yuunvarsiitii Dirree Dawaa Waliin waliigaltee Birrii miiliyoona 9.6 mallatteesse
Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiin Korporeetiin ijaarsa Raadiyoo Hawaasaaf Yuunvarsiitii Dirree Dawaa Waliin waliigaltee Birrii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 6 mallatteesseera.
Hoji Raawwachiisaa olaanaan FBC obbo Admaasuu Daamxoo fi Preezdaantiin Yuunvaarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaahi Adam waliigalticha mallatteessaniiru.
Buufanni Raadiyoon Hawaasaa Yuunvarsiitichaaf FBCn ijaaramu kun dhaabbileen lameen gama damee indaastirii miidiyaan hariiroo itti fufiinsa qabu akka uuman kan taasisu ta’uu obbo Admaasuun ibsaniiru.
Dabalataanis FBCn ijaarsa buufata raadiyoo kanaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun Yuunvarsiitichaaf kan dabarsu ta’uu ibsaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa gama isaaniin ijaaramuun buufata raadiyoo kanaa hojiilee qorannoo yuunvarsiitichaan hojjetaman hawaasa beeksiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Fuuldurattis deeggarsa ogummaa waljijjiiruun faayidaa lameeniif kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Iyyoonaadab Andu’aleemtu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.