Fana: At a Speed of Life!

FBC’n dirqama tajaajila lammuummaa bahachuuf hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet sagalee riqichaa yaadaa fi odeeffannoo ta’uun hojiilee hojjetu cinaatti dirqama tajaajila lammuummaa bahachuuf hojjechaa jiraachuu Hojii Gaggeessaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon ibsan.

Guyyaa har’aa hojjettoonni FBC Magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa Kooyyee Faccee Aanaa Galaanaa Arraabsaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabuu fi hojii ijaarsa mana barnoota bu’uura boruu eegalchiisaniiru.

Saganticharrattii Qondaaltonni Mootummaa Naannoo oromiyaa, Magaalaa Shaggara, hojjettoonni fi hoggantoonni FBC aragamaniiru.

Obbo Admaasuun saganticharratti haasawaa taasisaniin, Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet akka miidiyaatti hawaasni hojii tola oltummaa fi tajaajila lammuummaarratti akka hirmaatu barsiisaa fi dadammaqsaa, waggoottan darbaniif hojiilee bal’aa hojjechuu turuu yaadachisaniiru.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa gamasaaniin, hojii tajaajila lammuummaa Gannaa baranaan, manneen barnoota bu’uura boruu kuma 4 fi 500 ol kan ijaaraman ta’uu eerun, hojiin fakkeenyummaa hojjettoota FBC Magaalaa Shaggaritti eegalames, qaama tajaajila lammuummaa baranaa keessaa tokko ta’uu himaniiru.

Hirmaannaa akka waliigalaatti taasifamaa jiruufis galata dhiyeessaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaas, magaalichatti hanqina manneen barnootaa fi bu’uuraalee misoomaa mul’atu guutuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet sirna jalqabbii mana barnootaa bu’uura boruuf Birrii miiliyoon 2 gumaacheera.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.