FBC fi Yuunivarsitiin Salaalee waligaltee walta’iinsaan hojjechuu walii mallatteessan
Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC)- Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetii fi Yuunivarsitiin Salaalee waligaltee walta’iinsaan hojjechuu walii mallatteessaniiru.
Waliigaltechaas Hoji Gaggessaa Olaanaan FBC Obbo Adimaasu Daamxoo fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Gannanaawu Gofee mallatteessaniiru.
Sanadaa waliigaltechaan adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti ogeeyyii ga’umsaa qaban horachuuf, hojiilee qorannoo rakkoo furan gaggeessuu fi hojiirra oolchuun, jijjiiramaa hawaasummaaf walta’iinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Dabalataanis FBC fi Yuunivarsitiin Salaalee guddina biyyaalessaaf waloon akka hojjetan, dhimmoota hawaasa giddugaleeffatanii yuunivarsitichaan hojjetaman tumsa miidiyaa taasisuun walta’iinsaan kan hojjetan ta’uun himameera.
Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeeti sagantaalee garaagaraan odeeffannoo jireenya hawaasummaa jijjiiranii fi dhiibbaa uumaan, raadiyoo fi televiizhiniin akkasumaas miidiyaa dijiitaalaan afaanota biyya keessaa fi alaan saffisaan dhiyeessaa jiraachuu fi ga’umsi kun yuunivarsiitichaaf humna dabalataa akka ta’u Obbo Admaasuun sirna waliigaltechaarratti ibsaniiru.
Akkasumas dirree hojiilee yuunivarsitichaa beeksisuu akka bal’isuu dubbataniiru.
FBC’n miidiyaa ogeeyyii ga’umsaa qabanii ta’uu ibsanii, damee raadiyoo hawaasummaan, Faanaan raadiyoo hawaasummaa yuunivarsitii Dirree Dhawaa, Yuunivarsiitii Haroomaayaa, Hawaasa Silxee fi Argobbaa kan hundeesse ta’uu eeraniiru.
Ijaarsa Buufata Raadiyoo hawaasummaa dhaabbilee biroo gaggeessuufis hojjechaa jiraachu himaniiru.
Faanaan dameewwan qorannoo fi leenjiin, Yuunivarsitii Salaalee waliin qindoominaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Gannanawu Gofee gama isaaniin, dhaabbanni isaanii FBC waliin hojiilee bal’aa hojjechaa turuu yaadachiisanii, fuuldurattis hojiilee hawaasa giddugaleeffataan waloon akka hojjetan himaniiru.
FBC waliinis maqaa gaarii yuunivarsiitichaa hawaasaaf beeksisuuf akka hojjetaan eeraniiru.
Waliigaltechis hariiroo dhaabbilee lameenii caalmaan kan cimsu ta’uu dubbataniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.