FBC fi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesan
Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Faanaa Biroodkaastingi Korporeetii fi Yuunivarsiitiin Finfinnee hojiilee Miidiyaa fi Kominikeshiniirratti waloon hojjechuuf Sanada Waliigaltee mallattessaniiru.
Hojii Rawwaachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastingi korporeeti Obbo Admaasuu Daamxaw fi Eeggaataan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamuu’eel Kifleen waliigalticha mallattessaniiru.
Sanadni waliigalticha hojiilee tajaajila baruuf barsiisuu, qorannoo, misooma hawaasummaarratti xiyyeeffachuun tumsaan hojjechuu ta’uu Obbo Admaasuu Daamxawu dubbataniiru.
Hojiilee Miidiyaa fi Kominikeeshiinii garaagaraa Teeleeviizyiinii, Raadiyoo Faanaa fi Miidiyaa Dijiitalaan qopheessuun tamsaasuu ta’uu eeraniiru.
Wayita Yuunivarsiitiin ofiin of bulchuuf gurmaa’aa jirutti Faanaa Biroodkaastiingi waliin hojjechuuf waliigaluun boqonnaa guddaa ta’uu Eeggataan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.
Sagantaalee ibsa Gaazexeesummaa, Hojiilee Qorannoo, Tajaajila Hawaasaa fi eebba barattootaa yuunivarsiitichi gaggeessurratti Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti waliin tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii ibsaniiru.
Hojiilee Uwwisa Miidiyaa Faanaa Biroodkaastiing Korporeeti hojjetu Yuunivarsiitiin Finfinnees maallaqaan kan tumsu ta’uu Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Chaayinaatti Piroojektii jallisii Duujiyaangiin daawwate
Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiin durfamu Chaayinaatti Piroojektii jallisii Duujiyaangiin daawwateera.
Jilichi hooggantoota Olaanoo mootummaa federaalaa fi Pireezidaantota naannolee of keesatti kan hammate ta’uu ibsameera.
Piroojektiin jallisii kun piroojektii ogummaa lammiilee Chaayiinaa fi dandeettii olaanaa ogummaa Maandisummaa biyyattii mul’isuudha jedhame.
Jiraattoota naannawaa Cheenduuf madda bishana jallisii fi bakka ga’umsa turistii ta’uun tajaajilaa jiraachuu ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.