Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf karoora waggaa 10 keessatti qabxiiwwan agarsiiftuu ta’an kaa’uun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf karoora waggaa 10 keessatti qabxiiwwan agarsiiftuu ta’an kaa’uun barbaachisaa ta’uu Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon ibsan.
Komiishiniin Misoomaa fi Plaanii gamaggamamaa fi hordoffii karoora misoomaa waggaa 10 irratti walitti qabdoota Koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliin marii taasiisaa jira.
Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon karoorichi imala Badhaadhinaa barbaaddamurra ga’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf sirna karoorichi hojiirraa itti oolu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Tokkoon tokkoo dhaabbilee haala qabatamaa jiru waliin walqabsiisanii hojjechuutu irraa eegama jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.