Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa hojjettootaa haala mirkaneesseen oomishtummaa industirii dabaluuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Fayyadamummaa hojjettootaa haala mirkaneesseen omishaa fi omishtummaa industirii dabaluuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Mata duree “Fayyummaafi Nagummaan Mirga Bu’uuraa Iddoo Hojiiti” jedhuun Fooramiin hojjettootaa garsadee mootummaa, hojjechiistotaa fi hojjettoota hirmaachise Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.

Kaayyoon marichaas nageenya industiriiwwan keessatti mirkaneessuun mirgaa fi fayyadamummaa hojjettootaa haala kabachiiseen oomishtummaa industiriiwwanii dabaluuf ta’uun ibsameera.

Hoogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaan waltajjicharratti, abbootiin qabeenyaa hojjettoota malee jiraachuu waan hindandeenyeef, mirga hojjetaa kabajuu fi hojjetaniis dirqama irraa eegamu sirnaan ba’uu akka qabu hubachiisan.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluun gama isaniin guddina dinagdee biyyaaf babal’achuun industiriiwwanii sharafa alaa argamsiisuu, kan alaa galu bakka buusuu fi carraa hojii uumuuf ga’ee olaanaa qaba jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas fayyadamummaa hojjettootaa haala mirkaneesseen oomishaa fi oomishtummaa indaastirii dabaluuf hojjechaa jiraachuu ibsanii, nageenya industiriiwwanii mirkaneessuun abbootii qabeenyaa fi hojjettoota gidduu hariiroo jiru cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbatachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaan Bishooftuutti indaastiriiwwan 140 kan qabduu fi carraan hojii namoota kuma 93 oliif uumamuu himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.