Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamtoonni bishaan dhugaatii miiliyoona 74 qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC)-Waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee hojjetamaniin fayyadamtoonni bishaan dhugaatii miiliyoona 74 qaqqabuu Miseensii Koree Giddugaleessaa paartii badhaadhinaa fi Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.

Dooktar Injiinar Habtamuu Ittafaan akka jedhanitti, fayyadamummaa bishaan dhugaatii hawaasaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa kutaaleen hawaasaa miiliyoona 25 fayyadamtootaa bishaan dhugaatii taasisuun akka danda’ame eeranii, kanaanis lakkoofsi fayyadamtootaa miiliyoona 74’tti guddachuu kaasaniiru.

Mootummaan magaalaattis ta’e baadiyyaatti hawaasa fayyadamaa bishaan dhugaatii guddisuuf xiyyeeffannaan hojiilee hojjeteen milkaa’ina olaanaa galmeessuu eeraniiru.

Gama biraatiin, damee inarjiitiin hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu eeranii, kanaafis Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa irratti hojiilee milkaa’oo hojjetaman kaasaniiru.

Saaxilamummaa balaa hongee fi lolaan uumamaa ture hir’isuuf mootummaan hojii dursanii akeekkachiisuu xiyyeeffannaan hojjechuu ibsuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan naannawichaa humna elektirikiin walitti hidhuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu eeranii, kunis ofirra darbee biyyoota ollaa dabalatee fayyadamtoota taasisuuf hojiileen hojjetaman milkaa’ina olaanaa ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.