Fana: At a Speed of Life!

Fayyaan dijitaala galma damee fayyaa milkeessuuf carraa gaarii uumaa jira-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)-Fayyaa dijitaalawaan galmootaa damee fayyaan qabaman milkeesuud carraalee gaari uumaa jiraachuu Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Fayyaan dijitaalawaan waliingahiins fayyaa hunda galeessaa guddisuuf tattaaffii taasifamu tumsuu biraa darbee qulqullina kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Waltajjiin marii sirna fayyaa dijitaalaawaa sirna kaffaltii dijitaalawaan walitti hidhuuf yaadame gaggeeffameera.

Kaffaltii dijitaalawaa damee fayyaan eegaluuf haalota dandeessisanirrattis mari’atameera.

Sirni fayyaa dijitaalawaan kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa irratti jijjiirama mul’atu fiduu Dooktar Liyaan ibsanii, sirna kaffaltii dijitaalawaan walitti hidhuun tajaajila kennamu saffisiisuu fi gatii madaalawaan qaqqabamaa taasisuuf akka tumsu dubbataniiru.,

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.