Fana: At a Speed of Life!

Fayyaafi Miila Hiikkannaa

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhanitti miila hiikkannaa taasisuun fayyummaa namaaf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsame.

Yeroo dheeraaf bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhanitti adeemsa miilaa/ miila hiikkannaa taasisuun fayyaaf faayidaa gudda qabaachuu qorannoowwan garaagaraa raga bahu.

Fayyaa sammuufi dhiphachuun walqabatee qorannoowwan garaagaraa hedduun naannawaa baadiyyaafi magaalotaatti gaggeeffamaniiru.

Namoonni naannawaa magaalaa jiraatan namoota naannawaa baadiyyaa jiraatan caalaatti dhibee sammuuf saaxilamoo ta’uu bu’aan  qorannoolee kanneenii lafa kaa’u.

Qorannoowwan kanneen irratti hundaa’uun Jarmanitti qorattoonni   Saayinsii Narvii Maaksi Pilaank qorannoo dhiyeenyatti taasisaniin uumamni fayyaa sammuu waliin hidhata qabaachuu ibsaniiru.

Qorannichi dhiirotaafi dubartoota  umriin  isaanii 18-47, 34 fi 29 irratti kan gaggeeffame yoo ta’u, hirmaattonni qoranichaa qorannoowwaniifi herregoota garaagaraa fayyaa sammuun walqabatan akka furan taasifameera.

Hirmaattonni qoranichaa daandiiwwan magaalaa namootaan dhippataniifi bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhanitti sa’atii 1’f adeemsa miilaa/ miila hiikkannaa taasisaniiru.

Hirmaattonni qorannichaa 31 daandiiwwan magaalaa Barliin irra adeemsa miilaa yoo taasisan, 32 ammoo bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhanitti adeemsa miilaa taasisan.

Wayita imala taasisanitti meeshaan bakka jiran, dha’annaa onneefi haala waliigalaa  isaanii hordofuufi to’atu isaanirratti hidhamuu ibsamneera.

Hirmaattonni qoranichaa imala isaanii erga xumuraniin booda, warreen naannawaa qabeenya uumamaan badhaadhetti adeemsa miilaa taasisanirratti miirri dhiphachuufi sodaa mul’achaa ture haalaan hir’achuu ogeessi qorannicha olaantummaan gaggeesan Sooniyaa Suudiimaak eeraniiru.

Kunis kan agarsiisu bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhanitti sa’aatiiwwaniif adeemsa miilaa/miila hiikkannaa taasisuun dhiphuu sammuu hir’suuf faayidaa olaanaa qabaachuu ta’uu dubbatan.

Faallaa kanaa hirmaattonni qorannichaa daandiiwwan magaalaa nomootaan dhiphatan keessatti adeemsa miilaa taasisanirratti miirri dhiphachuu mul’achaa ture kan hin hir’isne ta’uu fi tasgabbii dhabuun irratti mul’achaa turuu bu’aan qorannichaa ni mul’isa.

Ogeeyyiin fayyaa tokko tokko bu’aa qorannichaa bifa garaagaraan mirkaneessuuf qorannoowwan dabalataa taasifamuu qaba jechuu Meedikaal Niwus Tuudeey gabaasera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.