Fana: At a Speed of Life!

Faransaayii loltoota ishee gara Maaliitti bobbaastee baasufi

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Faransaayii farra shororkeessummaaf loltoota ishee gara Maaliitti bobbaastee akka baastuu beeksisteetti.

Murtichi Faransaayii fi tumsitoota isheen kan mallataa’ee yoo ta’u, humni waraanaa Maalii to’atee Faransaayii waliin damee loltummaarratti hojjechuuf fedhii dhabuurraan kan murtaa’eedha jedhameera.

Kanaanis hidhattoonni Maalii fi naannawaasheetti argaman waliin waraanaa taasifamuurratti tumsaa taasisaa kan turan loltoonni Farnsaayii fi  tumsitootashee naannichaa gadi lakkisanii akka ba’aan murtaa’uu ibsameera.

Yeroo amma kanas loltoonni  Faransaay Maalii gadi lakkisuun Nijeerii fi Giinii hanga Waxabajjii 2022tti tursiisuu karooraa baasaa jiraachuu TRT gabaaseera.

Preezdaantiin biyyaatti Imaanuu’eel Maakroon,ejjennoo waraanaa mootummaa Maalii Faransaayii biyyattidhaa dirqamtee akka baatuu taasiseera jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.