Fana: At a Speed of Life!

Faransaayii fi Ostiriyan tapha mo’atanii darbuuf ga’an

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Tapha Waancaa Awurooppa sa’aatii 1:00rraa eegalee gaggeeffameen Faransaayii fi Ostiriyaan taphaa mo’atanii darbuuf darbuu danda’aniiru.

Faransaay dorgommichaan ala kan taatee Poolaandi waliin walqixa 1 fi 1’n yoo adda ba’anis, Faransaay qabxii shaniin sadarkaa 2ffaan gara tapha mo’atanii darbuutti ce’uu mirkaneeffatteetti.

Kana malees, Ostiriyaan, Neezerlaandi waliin tapha gaggeessaniin 3 fi 2’n injinfachuun ramaddii isheerraa olaantummaan xumuruun tapha mo’atanii darbuuf geesseetti.

Ramaddii isheerraa qabxii afuriin sadarkaa 3ffaan kan xumurte Neezerland taphoonni ittaanaanii gaggeeffaman carraa ishee ni murteessu.

Galgala kana sa’atii 4:00 irraa eegalee Ingilz Islovaakiyaa waliin, akkasumas, Seerbiyaan Deenmaarki waliin taphni gaggeessan xiyyeeffannaa argateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.