Fana: At a Speed of Life!

Faransaay shororkeessitoota gaanfa Afrikaa fi guutuu Afrikaa keessa jiran dhabamsiisuuf Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Hariiroo waloo fi hundagleessa Itiyoophiyaa fi Faransaay caalmaatti cimsuuf mariin taasiifameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii dhimmoota nageenyaa fi hariiroo alaa Garee Michummaa Gaanfa Afrikaa Mana Maree Faransaay waliin mari’ateera.

Hariiroon biyyoota lamaanii faayidaa ummataarratti kan hundaa’e ta’uu Walitti qabaan Korichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Gochaa shororkeessummaa nageenyaa fi tasgabbii lammiilee balaarra buusaan kamiiyyuu qolachuuf Faransaay Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu marichaan ibsameera.

Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota ollaa faayidaa waloorratti hundaa’e uumuun nageenya naannawichaaf murannoon hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Itiyoophiyaa michuu Seenaa Faransaay ta’uu Dursaan Garee Michummaa Gaanfa Afrikaa Mana Maree Faransaay Seenaataer Huug Saariin ibsaniiru.

Gaanfa Afrikaatti tattaaffii shororkeessummaa qolachuuf taasiifamu kamiiyyuu Faransaay Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.