Fana: At a Speed of Life!

Faransaay milkaa’ina marii biyyoolessaa Ityoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa teeknikaa taasisuuf qophii ta’uu ibsite 

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Faransaay milkaa’ina marii biyyoolessaa Ityoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa teeknikaa taasisuuf qophii ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyatti Reemii Maarishuun himaniiru.

Ambaasaaddarichi hundeeffamaa waggaa 125ffaa hariiroo dippiloomasii biyyoota lamaanii ilaalchisee har’a imbaasii isaaniitti ibsa laataniiru.

Ibsichaan Ityoophiyaa fi Faransaay baroota dheeraaf hariiroo obbolummaa qabachuu kaasaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii kun gama mootummaan qofa osoo hin taanee ummataa fi ummannii hariiroo akka qabanille himaniiru.

Faransaayis Ityoophiyaatti raawwii proojektoota garaagaraaf kan oolii Yuuroo miiliyiina dhibba 4 fi miiliyoona 38 dhangalasaa jiraachuu eeraniiru.

Akkasumas biyyattin bara Faranjoota darbe kutaa hawaasa waraanaa miidhamaniif kan ooluu Yuuroo miiliyoona 8 deeggarsa taasisuu himuun yeroo amma kanaas marsaa jalqabaan Yuuroo deeggarsa miiliyoona 10 taasisuu ambaasaaddarichi ibsichaan himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.