Fana: At a Speed of Life!

Faransaay hariiroo Waraanaa Maalii waliin qabdu adda kutuu beeksiifte

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Fonqolcha mootummaa Maaliitti gaggeeffame hordofee Faransaay hariiroo waraanaa biyyattii waliin qabdu adda kutuu beeksiifteerti.
Qoqqoobbichi hanga haalli yeroo ammaa Maalii keessa jiru gara bulchiinsa Siiviiliitti deebi’auun wabii argatuutti jedhame.
Hogganaan waraanaa Maalii Kolooneel Asiimii Gootaan Preezdaantii fi Muummee Ministiraa biyyattii aangorraa erga fonqolchanii biyyattiin dhiibbaa olaanaa keessa jiraachuu himameera.
Hogganaan waraanaa Maalii Kolooneel Asiimii Gootaan Baatii Hagayya darbes Fonqolcha mootummaa gaggeessuun Preezdaantii biyyattii ta’uun kan filataman Ibraahiim Bubaakaar Keetaa aangoorraa buusanii turan.
Baatii sagal keessatti yeroo 2ffaaf fonqolcha mootummaa gaggeessaniiru.
Kanuma sababeeffachuun Gamtaan hawaasa diinagdee Lixa Afrikaa ‘ECOWAS’ fi Gamtaan Afrikaa Maalii miseensummaa keessaa haquun isaanii kan yaadatamuudha.
Dabalataan Ministeerri Humna Waraanaa Faransaay hariiroo waraanaa Maalii waliin qabu adda kutuu ifoomseera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateef
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.