Fana: At a Speed of Life!

Faransaay dippilomaatotaa fi loltoota ishee Niijeerii akka baastu beeksiste

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC)- Fonqolcha Mootummaa Niijeeritti gaggeeffame hordofee Faransaay Dippilomaatota fi loltoota ishee akka achii baastu beeksiste.

Pireezidaantin Faransaay Emaanu’eel Maakiroon, Biyyi isaanii Ambaasaaddarootaa fi dippilomaatotaa hedduu Niijeerii qabdu yeroo gababaa keessatti baasuf murteessuu himuu BBC’n gabaaseera.

Maakiroon walta’iinsa loltummaa Niijeer waliin qaban “Gaheera” yoo jedhan, karoora isaanii kana hanga baatii dhufuutti akka xumuran dubbataniiru.

Baatii Hagayyaa darbe fonqolcha mootummaan aangoo kan qabatan humni waraanaa biyyattii murtee Faransaay kana gammachuun akka simatan beeksisaniiru.

Maakiroon fonqolcha mootummaan aangoorraa kan kaafaman Pireezidaantii biyyattii Mahaammad Baazuumiif beekamtii akka kennan eeraniiru.

Hammattoo walta’iinsa mootummaa Niijeer waliin qabaniin, Faransaay loltoota kuma 1 fi 500’tti dhiyaatan Niijeerii kan qabduudha.

Murtee ammaa hiriiraa mormii Faransaay Niijeeriin gadi lakkistee akka baatuuf baatiiwwaniif gaggeeffamaa tureen booda ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.