‘FAO’n Itiyoophiyaatti jijjiirama damee Qonnaa itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisu ibse
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaatti jijjiirama qabatamaa damee Qonnaa itti fufsiisuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amanteen Itti Gaafatamaa Qabeenya Diinagdee Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa Maaksiimoo Teereeroo waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis biyyoonni lameen damee qonnaan dhimmoota fuuldurratti hojjetanirratti kan xiyyeeffate ta’uun himameera.
Maricharratti Dooktar Girmaan, FAO’n damee qonnaa guddisuuf tattaaffii Mootummaan Itiyoophiyaa taasisu, maallaqa, ogummaa fi ijaarsa dandeettiin waan deeggaraa jiruuf galateeffataniiru.
Maaksiimoo Teereeroo gama isaaniin, dhaabbatichi Itiyoophiyaatti damee qonnaan jijjiirama qabatamaa dhufe itti fufsiisuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia