Fana: At a Speed of Life!

Fandiin Misooma Afrikaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 4.3 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 21,2014 ( FBC)- Boordiin Daayrektarootaa Fandiin Misooma Afrikaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 4.3 raggaasisuu beeksise.

Deeggarsichi rakkoolee damee diinagdee biyyattii dandamachiisuufi dandeettii qorannoofi xiinxala immaammataa cimsuu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Deeggarsichi gama Ministeera Maallaqaan hojiirra kan oolu ta’uu ragaan Fandii Misooma Afrikaarraa argame ni mul’isa.

Fandiin Misooma Afrikaa damee Baankii Misooma Afrikaa yoo ta’u, dhaabbata biyyoota ardittiif deeggarsa maallaqaa taasisudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.