Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa mootummaa Birri biiliyoona 23 olii eegsisuun danda’ameera-Ministeera Haqaa

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti galmeewwan falmii seera hariiroo hawaasaa kuma 3 fi 496’rratti murtii kennuun faayidaa mootummaa Birri biiliyoona 23 eegsisuun akka danda’me Ministeerri Haqaa beeksise.

Waltajjiin waloo gamaaggamaa raawwii baatiiwwna 6’n darbanii Ministeeraa Haqaa fi Biiroolee Haqaa naannolee 5ffaan gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, karoorri yeroo dheeraa damee haqaa sadarkaa naannolee fi federaalaatti haalaa walfakkaatuun hojiirraa oolaa jiraachuun kan qoratamu ta’uun ibsameera.

Dabalataan wixineen labsii “Hammattoo moodela haqaa bu’uura hawaasummaa” irrattis akka mari’atamu kaasaniiru.

Daayrektarri Dhimma Tarsiimoo Ministeera Haqaa Dassaalanyi Mangisteen, gabaasa haqaa fi seeraa, eegumsa mirga namoomaa, tajaajila haqaa, duubdeebii koree dhaabbii dhimmoota haqaa fi seeraa dhiyeessaniin, galmeewwan seera hariiroo hawaasaa kuma 13 fi 400 irratti falmiin gaggeeffamuu ibsan.

Haaluma kanaan falmii seera hariiroo hawaasaa sadarkaa naannolee fi federaalaatti gaggeeffameen galmeewwan kuma 3 fi 496rratti murteen kennamuun, faayidaa mootummaa Birrii biiliyoona 23 fi Doolaara miiliyoona 14 ol eegsisuun akka danda’amee ibsuu TOI gabaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.