Faayidaan Teemiraa maali ?
Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Teemirri waayita soomaa hawaasa Musliimaa biratti nyaata ulfinaa fi faayidaa fayyaa olaanaa qabuudha.
Teemirri Albuudotaa fi vaaytaaminoota hedduu of keessaa qaba.
Teemirri Qabiyyee, soodiyamii, pootaasiyemii, maagniiziyemii ziinkii fi Vitaamiin B6 kan of keessaa qabuudha.
Faayidaaleen Teemira nyaachuun qaamaa namaaf kennu keesaa murasni,
- Gogiinsa garaa ittisa: Teemirri uumamaan amala waa laaffisuu waan qabuuf nyaanni mar’imaan keessa akka sosochoo’uf ga’ee guddaa qaba. Tajaajila kanaaf akka oolus bishaan keessa bulchuun nyaachuun ni danda’ama.
- Jabina lafeef: qabiyyeen teemira keessatti argamu jabina lafeef baay’ee barbaachisaadha.
Teemirri seeleeniyeem maangaaneez, koopparaa fi maagniiziyam waan of keessaa qabuuf guddina fayya qabeessa lafee keenyaaf murteessaadha.
- Hir’ina dhiigaaf : tTeemirri Albuuda waan of keessaa qabu hir’ina dhiigaa hir’isuuf ga’ee guddaa qaba.
- Alarjii adda addaa ittisa: Teemirri qabiyyee saalfarii waan of keessaa qabuuf dandeettiin alarjii ittisuun isaa olaanaadha.
- Fayyaa narviif: Vaayitaaminoonni teemira keessatti argaman narvii fayyaa qabessaa akka qabaannuf ni gargaara.
- Fayyaa onneef :hanga kooleestiroola fayyaa keenya miidhuu danda’u hir’isuun onneen keenya fayyaa akka ta’u deeggara.
- Yeroo ulfaa fi da’umsaaf : Teemirri fayyummaa daa’ima garaa keessaa fi yeroo da’umsaas dubartiin akka ciniinfattu humna kennaaf .
- Fayyaa sammuu keenyaa ni haaromsa: qabiyyeen vaaytaamiin B6 jedhamu namoonni sammuu fooyya’aa akka qabaatan kan fayyaduudha.
Madda –Fuula waa’ee Fayyaa