Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Shaayii magariisni fayyaaf qabu

Finfinnee, Hagayya 16, 2014(FBC) – Shaayii magariisa dhuguun hanga sukkaaraa dhiiga keessaa to’achuu dabalatee fayyaaf faayida hedduu qabaachuu qorannoon ifoomse.

Shaayii magariisni dhibee sukkaaraa gosa 2 to’achuurra darbee dhiitoo marummaanii namatti furuuf kan gargaaru ta’uu Yuunvarsiitii Ohaayootti qorataa olaanaasirna soorataa kan ta’an Dooktar Richaard Biruunoon qorannoo isaaniin ifoomsaniiru.

Kana malees shaayii magariisni sammuu keenya dullumarraa baraaruufi hojiisaa haala fooyya’aa ta’een akka hojjetuuf kan gargaaru jedhamera.

Shaayii magariinsi dhukkuba kaansarii ittisuufis shoora qabaachuu ragaan heelz laayin ni mul’isa.

Dabalataanis shaayii magariisni istirookii dabalatee dhukkubbiiwwan onneefi maashaalee onneen walqabatan ittisuuf, ulfaatina qaamaa hir’isuuf, hanga zayitaa dhiigaa sirreessuuf, dhiibbaa dhiiigaa to’achuuf, foolii badaa afaanii ballessuuf akkasumas fayyaa gogaafi tiruu eeguuf furmaata gaarii ta’uu eerameera.

Shaayii magariisni bifa shaayii dabalataan bifa dhangala’aafi daakuun qophaa’ee faayidaarra ooleera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.