Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Mooriingaan fayyaaf qabu

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Naannawaa tokko tokkotti Mooriingaan “Shifarraa” jedhamuun kan waamamudha.

Biqilaan kun qabiyyeen albuudaa of keessaa qabu fayyummaa namaaf bu’aa hedduu kan qabuudha.

• Amala farra oksiidaantii qaba, aantii ooksiidantiin kunis carraa dafanii dulloomuu akka hir’isu qorannoowwan gaggeeffaman ni mul’isu.

• Farra gubaa qaamaa, dhiitoo fi kkf.

• Infeekshinii ujummoo fincaanii ittisuu, qaamni keenya yoo madaa’e dafee akka fayyu faayidaa qaba.

• Dandeettii qaamni keenya dhibee ofirraa hir’isuuf qabu dabala-Baakteeriyaa fi fangasiin akka nu hin dhibne ittisa.

• Guddina rifeensaa dabala- Rifeensi keenya fayya qabeessa ta’ee akka guddatu gargaara.

• Fayyummaa gogaa keenyaa eega- Gogaan keenya lallaafaa fi fayyaa akka ga’e ga’ee olaanaa qaba.

• Farra kooleestirooliiti-qaamni keenya kooleestiroolii muraasa kan barbaadu ta’us, yoo heddummaatu ujummoowwan dhiigaa cufuun fayyaa qaama keenyaa miidhee dhibeewwan akka onnee fa’iif nu saaxiluu mala.

• Anniisaa, jabinaa fi humna namaa laata-Kun ammoo qaamni keenya garmalee dadhabbiin akka itti hin dhaga’amnee fi fayyaa ta’ee hojiisaa sirriitti akka hojjetu gargaara.

• Fayyummaa ijaa eeguu

• Dhiibbaa dhiigaa sirreessa

• Mukaa’uu ittisa, si’oomina uuma.

• Farra fangasiiti- Fangasiin keessoo fi ala qaama keenyaa akka hin miine ittisa.

• Qoncooruu gogaa fi dulluma gogaa yeroo malee ittisa.

• Dhiitoo xannachoota dhibeef nu saaxiluu malan ittisa.

• Bullaa’insa nyaataa dabala-Qaamni keenya sirna nyaataa mijataa akka qabaatu taasisuun, fayyaan keenya akka eegamu gargaara.

• Sammuun keenya dammaqinaa akka horatuu fi hojii keenyarratti cimina akka qabaannu nu gargaara.

• Dhibee onneef akka hinsaaxilamne gargaara.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.