Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa diinagdee damee Aveeyshiniirraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Faayidaa diinagdee damee Aveeyshiniirraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Waldaan Daandiiwwan Qilleensaa Afrikaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa waliin ta’uun Marii Qaamolee Qooda Fudhattootaa Geejjiba Qilleensarraa 11ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessuu eegaleera.

Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen, indaastiriin Aveeyshinii lammiilee hedduuf carraa hojii uumuurra darbee guddina diinagdee keessatti shoora ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana hordofee tajaajila geejjiba qilleensarraa fooyyessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasawu gamasaaniin, sochiin geejjiba qilleensarraa saffisiisuun hariiroo Afrikaanotaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaas yaada Paan-Afrikaaniizimiin tattaaffii mataasaan dadammaqina indaastirii Aveeyshinii ardichaaf carraaqqii taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ittaanuttis gahumsa balalliisaa babal’isuun fooyya’iinsa geejjiba qilleensarraa Afrikaaf qaamolee dhimmamtootaa waliin tumsaan hojjechuu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.