Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa biyyoolessaa keenya mirkaneessuuf Ityoophiyaanoonni biyya alaa jiraatan hirmaannaa addaa taasisuu qabu-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Faayidaa biyyoolessaa keenya mirkaneessuuf Ityoophiyaanoonni biyya alaa jiraatan hirmaannaa addaa taasisuu qabu jechuun Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin ibsan.

Obbo Dammaqaan Awurooppaatti hundeeffama waggaa 1ffaa Koree ‘Defend’ Ityoophiyaa wayita kabajameerratti kessummaa ta’uun argamaniiru.

Bifa adda addaatiin Ityoophiyaarratti wayita dhiibbaan uumamuuf yaalamuutti dhaabbileen diyaaspoora kanneen akka‘Defend’ Ityoophiyaa uumuun sagalee Ityoophiyaa dhageessisuuf shooraa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Dhaabbatichis faayidaa Ityoophiyaa kabachiisuuf hojiiwwan raawwataa jiru kan dinqisifatamu ta’uu ibsuun obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

‘Defend’ Ityoophiyaa erga hundeeffamee yeroo gababa keessatti hojiiwwan jajjabeessa ta’an hojjechuun yeroo itti aanuuttis caalmaan akka socho’uu abdiin qaba jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.