Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuun ajandaa walooti-Mana Marichaa

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)- Dhimmi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuu, ijaarsi nageenyaa fi misoomni ajandaa waloo biyyaalessaa ta’ee kan itti fufu ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa ibse.

Walitti Qabaan Mana Marichaa Dastaa Dinqaa akka jedhanitti, garaagarummaan ilaalcha siyaasaa jiraatanillee tokkummaan, nageenyi fi misoomni biyyaaleessaa falmiif dhiyaachuu hinqaban.

Keessumaa Paartileen Siyaasaa kaaroora misooma biyyaalessaarratti gahee tumsaa malee diigumsaa qabaachuu akka hinqabne himuu TOI gabaaseera.

Fuuldurattis hojiileen gaggeeffaman faayidaa diinagdee garasitti dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa daran kan utuban ta’anii itti fufu akka qaban eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.