Fana: At a Speed of Life!

Faayaan uumamaa Kibba Lixa Ityoophiyaa jiru humna Turizimii Ityoophiyaaf abdiidha – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Faayaan Kuufamaan uumamaa Kibba Lixa Ityoophiyaa jiru humna Turizimii Ityoophiyaa gara fuulduraaf abdii ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.
Naannoo ummattoota kibba Lixa Ityoophiyaa magaalaa Mizaan Amaan fi naannoo isheetti daawwii hojiilee bu’uuraalee misoomaa adda addaa deeggaruuf taasifnetti, aadaan ummanni nama jaalachuut fi fageesanii yaaduu akkasumas naannoo ofii eeguu kennaa Rabbii isaaniif kenne waliin walitti ida’amee Ityoophiyaan biyya jijjiirama qofaaf fedhi qabdu qofa osoo hintaane Badhaadhuufiis dirqama akka seenteetti fudhachuun ni danda’ama jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Afaan Beenchiitiin Digaam Yistaadee, Afaan Shekkootiin Jaajitee, Afaan Kafaatiin waamaa Dugoonaa waatotee, Afaan manitiin Sha’iisoo, Afaan Diiziitiin Deeshii, Afaan Surmaatiin Achaalii jannee jirra jedhan.
Ilmaan biyya tiyyaa hundaaf milkii , kabajaa, jaalalaa fi badhaadhinatu isiniif mala jedhuun ibsaniiru.
Fedhii fi gaaffiin misoomaa deebii akka argatu hoggansi cimee hojjechuu akka qabu Aadde Caaltuun ibsaniiru.
Proojektoota misooma bu’uuraan dandeettii magaalootaa ijaaruuf hojiilee hojjetamuu qabanirratti hojjechuun murteessaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Magaaloota misoomsuun fedhii misoomaa ummataa deebisuun xiyyeeffannoo olaanaa kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.