Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Kumaalaa Jaatanii Alii Finfinneetti hundaa’e

Finfinnee, Fulbaana 20, 2016 (FBC) – Faawundeeshiniin Kumaalaa Jaatanii Alii bakka Abbootiin Gadaa, Hoggantoonni olaanoo Naannoofi Federaalaa akkasumas keessummoonni garagaraa argamanitti magaalaa Finfinneetti hundeeffameera.

Kumaalaa Jaataniin jiruufi jireenyaa hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuuf goota ciminaan hojjechaa ture ta`uunis sirna hundeeffama Faawundeeshini kanarratti himameera.

Goota jabaa kana dhaloonni faaruun, walaloon, kitaaba barreessuun fi siidaa dhaabuufiin akkasumas waanuma hedduun yaadata jiraachuunis ka`eera.

Duudhaa hojii gaarii kumaalaa Jaatanii dhalootaaf dabarsuuf Faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundaa’uun faayidaa qaba jedhame.

Walitti Qabaan Boordii Faawundeeshinii Kumaalaa Jaatanii Aliifi Ministir Deetaan Geejjibaa fi Loojestiksii Obbo Dheengee Boruu kumaalaa Jaataniin gaggeessaa daangaa biyyaa gara kibbaa kabachisuu keessatti gahee guddaa bahaate ta`uu eeraniiru.

Faawundeeshiniichi hojii kumaalaa Jaatanii Alii jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiruuf hojjecha ture kana itti fufsiisuuf kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.

Dhaloonni amma jirru mul’ata kumaalaa Jaatanii kana galmaan gahuuf cimnee hojjechuu qabna jechuun dhaamuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.