Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Dooktar Ambaachaw Makonniin hundaa’e

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Faawundeeshiniin preezdaantii naannoo Amaaraa duraanii Dooktar Ambaachaw Makonniin ifatti hundaa’e.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee bakka argamanitti Faawundeeshinichi har’a ifatti hundaa’eera.

Faawundeeshinichi hojiilee barnootaa, fayyaa, misooma magariisaa hojjetu cinaatti hawaasa dhugaa fi haqa qabatee misooma biyyaa guddisu uumuuf kaayyeeffame kan hundaa’e ta’uu aadde Adaanachi ibsaniiru.

Rakkoo hawaasaa furuun fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuunis kaayyoo Faawundeeshinichaa biroo ta’uu ibsameera.

Muul’ata Dooktar Ambaachaw itti fufsiisuuf tattaaffii Faawundeeshinichaa hundeessuuf taasiifame aadde Adaanach dinqisiifataniiru.

Sirna hundeeffamichaarratti Ministiroonni, miseensoonni boordii faawundeeshinichaa fi maatiin Dooktar Ambaachaw Makonniin argamuu ragaan Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.