Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Biilinaa Miiliindaa Geetis Birrii miiliyoona dhibba 2 deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Faawundeeshiniin Biilinaa Miiliindaa Geetis bulchiinsa magaalaa Finfinneef Birrii miiliyoona dhibba 2 arjoomuu itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan beeksisaniiru.
 
Tumsi kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu ta’uu Injiinar Taakkalaan Fuula Twiitarii isaanii ibsaniiru.
 
Injiiran Taakkalaan Faawundeeshinichi yeroo murteessaa ta’e kanatti aantummaa ummataaf qabu agarsiisuu isaatti galanni keenya guddaadha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.