Fana: At a Speed of Life!

Faanaan bifa olaantumma biyyaa mirkaneessuun dhaloonni beekumsaan, artii fi namuusasaanii gabbisuuf gaheesaa bahaa jira

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Faanaa Broodkaastiing Korpooreet bifa olaantumma biyyaa mirkaneessuun dhaloonni beekumsaan, artii fi namusasaa akka gabbisuuf gaheesaa bahaa jiraachuu Hoji raawwachiinsaan Faanaa obbo Adimaasuu Daamxoo mirkaneessaniiru.

Baatiwwaniif addan citee kan ture dorgaa dorgee Faanaa Laamiroot guyyaa har’a boqonnaa 9ffaan eegaleera.

Eegalli saganticharratti kan argaman obbo Adimaasuun, dhiibbaa birmaddummaa biyyarraa qaqqabeen sagantichii yeroo muraasaaf adda citee akka tures yaadachiisaniiru.

Yaa ta’u malee gootonni Ityoophiyaa falmii cimaa gaggeessaniin biyya diigumsarra baraaruun kabaja Ityoophiyaa deebisaniirus jedhan.

Adeemsa kanaan gootonni kabaja biyya isaaniif wayita gati kaffalaan Faanaa Broodkaasting Koorporeet, hawaasaf odeeffannoo dhugaa qaqqabsiisaa tureera jedhan.

Qabiyyeewwan miidiya akka Faanaa Laamiroot ammoo fedhii fi hirmaannaa uummataa guddisuun mirrii abbummaa akka itti dhaga’aamuu taasisuun shoora olaanaa qaba jedhan obbo Adimaasuun.

Faanaa Laamiroot boqonnaa 9ffaan dorgomtoota 12 kan dorgomsiisuu yoo ta’u, dorgomtoonni afur xumuraaf qaqqabaan badhaafamtoota Birrii kuma 500 ni ta’u.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.