Fana: At a Speed of Life!

Faanaa miidiyaa Koorporeeshin ga’umsa yeroon barbaaduun hojiilee biyyaa fi ummata fayyadu hojjechuu qaba – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin daawwataniiru.

Bu’aa Dhaabbilee miidiyaa jajjaboo lamaa kan ta’e Faanaa miidiyaa Koorporeeshin ga’umsa yeroon barbaaduun hojiilee biyyaa fi ummata fayyadu hojjechuu qaba jedhan Obbo Tamasgeen.

Dandeettii fi ga’umsa qabu fayyadamuun hojiilee fooyya’aa akka hojjetu Mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan himaniiru.

Hojiileen bu’aa qabeessi jajjabeeffamuu qabanii fi tattaaffiwwan gaariin deeggarsa barbaachisan jiraachuu daawwannaa taasiifneen hubanneerra jedhan.

Walitti makamuun Faanaa fi Waaltaa bu’aa ida’amuuf fakeenya ta’uu kan danda’u qorannoo bal’aa booda kan uumame ta’uu Walitti Qabaan Boordii FMC fi Gorsaan Dhimmmota Hawaasummaa Ministira Muummee FDRI Daani’eel Kibrat ibsaniiru.

Miidiyaalee yeroo itti aanu uumamu danda’an haala madaaluun hojiirra ooluu kan danda’uudha jedhan.

Ministiroonni, hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaaraa fi naannolee daawwannicharratti argamaniiru.

Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.