Fana: At a Speed of Life!

Faanaa fi Yuunivarsiitiin Amboo waliin hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Korporeetii fi Yuunivarsiitiin Amboo waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoo fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Baayyisaa Laataan walii galticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi adeemsa baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee Yuunivarsiitichi dhimmoota hawaasummaarratti hojjetu uwwisa miidiyaa akka argatan irratti xiyyeeffate jedhame.
Faanaa Broodkaastiing Korporeet odeeffannoo waqtaawaa, bashannansiisaa fi barsiisoo ta’an filannoowwan miidiyaa qabuun saffisaa fi qulqullinaan kan qaqqabsiisu ta’uu isaan Yuunivarsiitichaaf humna dabalataa ta’a jedhame sirna mallatichaarratti.
Yuunivarsiitichi tajaajila barattootaa, giddu gala leenjii, hojiilee misooma hawaasummaa fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kan ittiin beeksiifatu ta’uu eerameera.
Yuunivarsiitiin Amboo Kaampaasiiwwan 4 fi Hospitaala Riifaralaa 1 kan qabu yoo ta’uu, akaakuuwwan barnootaa 67 barattoota simachuun barsiisaa jiraachuu eerameera.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Baayyisaa Laataan, Yuunivarsiitiin Amboo Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojiilee hedduu hojjechaa turuu kaasuun,yeroo itti aanus hojiilee dhimmoota hawaasummaarratti xiyyeefatanirratti waloon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Haala waliigalaa Yuunivarsiitichaa hawaasa biraan ga’uuf Faanaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Kana duras Faanaa fi Yuunivarsiitiin Amboo hojiilee dhaloota ijaaruu fi qaruu gargaaraa waliin hojjechaa turuu Obbo Admaasuu Daamxoon dubbataniiru.
Waliigalteen guyyaa har’aas hojiilee dhimma hawaasummaarratti xiyyeefataniif xiyyeeffannoo kan laatu ta’uu ibsaniiru.
Faanaan hojiile hedduu hawaasa qaqqabsiisuuf Yuunivarsiitii Amboo waliin hojjechuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.