Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet weerara vaayrasii koroonaarratti hawaasaf hubannaa laate

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Hoggansi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet weerara vaayrasii koroonaarratti hawaasaf hubannaa laate.
 
Hoji raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Baqqalaa Muullataan magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsaa addaddaatti argamuudhan hojii hubannaa uumuu hojjetaniiru.
 
Obbo Baqqalaan sochiin ummataa fi of dagannaan of eeggannaa yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Hojiin hubannaa uumuu ammas akka hafu ibsaniiru.
 
Walirraa hiiqinsi qaamaa fi qulqullina eeggachuun xiqqaa ta’uu eeruun, miidiyaaleen hojii hubannaa uumuu akka cimsuu qaban dhaamaniiru.
 
Qaamoleen dhimmi ilaalus of dagannaa kana sirreessuuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
 
Haaluma walfakkaatun hoggansi FM Jimmaa, Goondar, Walaayittaa Sooddoo fi Dabra Birihaan hojii hubannaa uumuu hojjetaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.