Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Biroodkaasting Korporeet miseensa buufata Teeleeviizyiinii walitti hidhamiinsa Idil Addunyaa BRICS ta’uun akka hojjetuuf filatame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) – Faanaa Biroodkaasting Korporeet miseensa buufata Teeleeviizyiinii Neetwoorkii Miidiyaa Idil Adunyaa BRICS ta’ee hojjechuuf kan isa dandeessisu waliigaltee mallatteesseera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoo fi Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun buufata Teeleeviizyiinii Neetwoorkii Miidiyaa Idil Adunyaa BRICS Jaanaa Toolsitakoovaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun TV BRICS sirna waliigaltee Interneetiin gaggeeffame kanarratti haasawa taasiisaniin Faanaan miseensa buufata Teeleeviizyiinii Idil Adunyaa BRICS ta’uun kan filatame,Itiyoophiyaatti miidiyaa filatamaa, dhaggeeffatamaa fi dhiibbaa uumaa ta’uu isaanii jedhan.

Faanaan miseensa buufata Teeleeviizyiinii Miidiyaa Idil Adunyaa BRICS ta’uun, miseensa BRICS kan taate Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuu, ijaarsaa fi fedhii ishee hawaasa idil addunyaatti beeksiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachisaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon himaniiru.

Akkaataa waliigaltichaan miidiyaaleen lamaan qabiyyee, Teeknooloojii fi leenjii humna namaarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu Obbo Admaasuun dubbataniiru.

Dabalataan Qabiyyeewwan TV BRICS filataman Teeleeviizyiinii Faanaa, Raadiyoo fi filannoowwan diijitaalaan kan tatamsa’an ta’a jedhan.

Qabiyyeewwan Faanaa Biroodkaastiing Korporeet filatamanis miidiyaa idil addunyaa BRICS’n kan tatamsa’an ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbatichi Afrikaarra buufata Teeleeviizyiinii Keeniyaa, Ijipti, Afrikaa Kibbaa fi Moozaambiik waliin tumsaan kan hojjetu yoo ta’u, Itiyoophiyaarraa ammoo Faanaa Biroodkaastiing Korporeet filatameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.