Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiifi Yuunivarsiitiin Samaraa waliin hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015(FBC)- Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiifi Yuunivarsiitiin Samaraa tumsaan waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.
Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoofi Ittaanaan Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii Yuuniivarsiitii Samaraa Dooktar Abduurahimaan Kadir mallatteessaniiru.
Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet dhimmoota barsiisoo, waqtaawoo, bashannansiisoo afaanota garaagaraan hawaasa biraan gahuun muuxannoo yeroo dheeraa kan qabuu ta’uufi afaanota kanneen keessaa afaan Afaariin muuxannoo waggoota 20 olii qabaachuu Obbo Admaasuun ibsaniiru.
Waliigalteen Yuuniivarsiitii Samaraa waliin taasifame hojiilee hawaasummaafi qorannoo yuuniivarsiitichaan hojjetaman hawaasa biraan gahuuf,yuuniivarsiiticha waliin ta’uun raadiyoo hawaasaa hawaasa naannichaa fayyadamoo taasisu eegalchiisuufi hojiilee misoomaa naannichatti hojjetaman hawaasa biraan gahuuf itti gaafatamummaa miidiyaa ba’achuuf ta’uu obbo Admaasuun eeraniiru.
Dooktar Abdurahimaan Kadir gamasaaniin, Yuuniivarsiitichi Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet waliin hojjechuun isaa hojii baruufi barsiisuu yuunivarsiitichaan cinaatti hojiilee yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, albuudaa,tuurizimiifi kanneen biroon hojjechaa jiru hawaasa biraan gahuu keessatti shora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiiticha keessatti raadiyoo hawaasaa hundeessuuf imala taasifamu keessatti waliigaltichi qooda olaanaa qabaachuus ibsameera.
Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.