F/M Birhaanuu Juulaan Adda Kibbaatti ijaarsa Hospitaala Raayyaa Ittisaaf dhagaa bu’uuraa kaa’an
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)-Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Adda Kibbaatti Ijaarsa Hospitaala Raayyaa Ittisaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Hospitaalichi lafa hektaara 18 irratti Birrii Biiliyoona 4’n kan ijaaramuu ta’uun eerameera.
Ijaarsi hospitaalichaas waggoota sadii keessatti kan xumuramu ta’uu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Sirnaa dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Ambaasaaddar Baacaa Dabalee, Qajeelcha Olaanaa Mahaandisummaa Raayyaa Ittisaa Letenaal Jeneraal Dastaa Abbichee dabalatee, qondaaltonni Raayyaa Ittisaaf biroon argamaniiru.
Dabalataanis, Birrii Miiliyoona 770’n bakka hojii fi mana jireenyaa ajaja Komaandoo fi Humna Qilleensaaf yaadamee kan ijaarame Pirojektii Wandoo Xiqqaa eebbisiisaniiru.
Pirojektichi lafa hekltaara 129 irratti kan ijaarame yoo ta’u, bilookiiwwan 214 kan qabuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.